
Xannachi (Kaansariin) Hulaa Gadaamessaa biyyoota akka keenyaa guddachaa jiran keessattii gosa Kaansarii baay’inaan dubartoota miidhufi miidhaa jiruu dha. Kaansaroota qaama wal hormaataa kessaa kan dhorkuun (prevent) gochuun danda’amu Kaanasarii Hulaa Gadaamessaa (Cervical Cancer) duwwaadha.
Kanaafi xannachi (Kaansariin) kun biyyoota guddaatan kan waggoota dheeraaf hojii ittisa kaansarii kanaa irrattii hojjatan keessatti bay’inaan hin mul’atu. Dhufaatii Kaansarii Hulaa Gadaamessaatiif kan sababa ta’u Vaayiirasii ‘Human Papilloma Virus’ (HPV) jedhamuudha. Vayiirasiin Kunis saalqunamtii saalaan daddaarba.
Dhufaatii Kaansarii Hulaa Gadaamessaa kana Akkaamittii dhoorkuu dandeenya?
- Talaallii HPV fudhachuudhaan (HPV vaccine) Taalalliin kunii Kan kennaamuu qabu wal-qunnamtii saalaa otoo hin jalqaabin umrii waggaa 11 ykn 12 yoo kennaame filaatama dha; hanga woggaa 14 yoo kennames filannoo gaariidha (9-14 ni danda’ama). Si’a lama kan kennamu yoo ta’u. Ji’a jahaa hanga ji’aa kudha lamaa walirraa fagaatee kennaama.
- Yaalii sakkata’uu Kaansarii Ulaa Gadaamessaa (Screening for Cervical Cancer) Kana jechuun madaa Hulaa/Balbala/Qaccee Gadaamessaa Vaayirasii HPV jedhamuun dhufaanif sakkaata’amu fi yoo madaan gara kaansariitti jijjiramu danda’an (Precancerous lesions) jiraatan yaaliin akkaa gara Kaansarii hin deemnee dhorku jechuu dha.
Sakkaata’u (screening) kun Laboratory Pap Smear fi VIA jedhamaniin biyya keenya kessattii dalagama. VIA bufaata fayyaa fi Hospitaala ni argattu. Sakkaata’amuun kuni dubartoota waggaa 21 ol ta’anii hundaaf ta’uu Kan qabu yoo ta’u, yeroo tokkaa ilaalamanii yoo fayyaa ta’an yoo xiqqaate waggaa shan shaniin hangaa waggaa 65ttii ilaalamun dirqaamadha.
Kanaaf shamarran keessumaa umrii 11 hangaa 14 jirtan fi maatiin shamaran akkasii qabdan Talaallii HPV kana fudhachiisuun Kaansarii Hulaa/Balbala Gadaamessaa irraa akka dhorkitan, Talaalliin kuniis yeroo dhihoo as biyya keessatti eegalee jira.