Sodaa hamaa lilmee waraannachuu (Trypanophobia)

Namni tokko mana yaalaatti lilmee yeroo diratu/waraannatu miirri dhukkubbii xiqqoo itti nii dhaga’ama. Daa’immaan baayyeen marfee/lilmee dirachuu nii sodaatu, kun miira daa’immaan hedduutti dhaga’u. Garuu sadarkaa ijoollummaa irra darbee Namoonni baayyeen yeroo lilmee garmalee hedduu sodaachuun rakkoo biraaf saaxilamu argaa jirra.

Namoonni rakkoo lilmee/marfee garmalee sodaachuu qaban ykn phobia isaa qabaatan sadarkaa hanga yoo lilmee argan of wallaaluu, kufuu, baqatanii baduu, onneen isaanii garmalee dha’achuu, dhiibbaan dhiiga isaanii baayyee olka’uu, dhiphuu garmalee, hirribaa dhabuuf kanneen kana fakkaataniif hanga saaxilamuutti ni ga’u.

Rakkoon akkasii taatee ijoollummaa ykn taatee dhukkubbii Yeroo duraa yoo isaan dhaqqabe, maatii rakkoo akkasii qabu yoo qabaatan fi jijjiramuu keemikaalaa sammuu keenyaafaarran kam kahe kan dhufudha. Kanaaf Namoonni rakkoowwan akkasii qaban ogeessa yaala sammuu bira deemuun Gorsa xiinsammuu (Psycho behavioral therapy) fi Yaalii biraallee argachuu qabu.