Shamarri tokko Wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uu ni dandeessii?

  • Shamarri tokko wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uu ni dandeessii?
  • Durbi durbummaa qabdu ulfaa’uu ni dandeessii?

Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa sanyiin dhiiraa (Ispeermiin) miliyoonaan lakkaa’aman qaama saalaa dhalaa keessa seenuun adeemsi uumamuu dhala namaa jalqaba. Yeroo tokko tokko taateewwan isaa baay’ee muraasa tahus yeroo shamarreen tokko dhiira waliin otoo wal qunnamtii saalaa hin godhin ykn durbummaa waliin ulfaa’an argamaa jira. Qorannoon bara 2013 biyya ameerikaatti shamarran durbummaan ulfaa’an 7870 irratti hojjatame keessaa dubartoonni 45 wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’an jedha.

Akkamitti wal qunnamtii saalaa malee ulfaa’uun danda’ama?

Sanyiin dhiiraa (Ispeermiin) ala baay’ee turuu hin danda’u. Garuu karaawwan shamarreen tokko wal qunnamtii saalaa malee ulfooftu keessaa

  1. Sanyii dhiiraa (Ispeermii) shamarreen tokko harkasheen qabdee ykn harkasheerratti dhangalaasee yoo qaama saalaa ishee tuttuqte.
  2. Dhiirri tokko sanyii dhiiraa isaa(Ispeermii) naannoo qaama saalaa dhalaatti yoo dhangalaase.
  3. Yoo qaamni saalaa dhiiraa ka’ee naannoo qaama saala dubartii tuqe. Gama biraan dhiirri tokko ispeermii bishaan daakaa keessatti yoo dhangalaase ulfaa’uun ni danda’amaa kan jedhu wal falmisiisaa ta’uus ispeermiin baay’ee jabaa ta’e ulfeessuu danda’a kan jedhu qorattoonni tokko tokko ni kaa’u.

Gorsa Fayyaa dubartoota ulfaaf

Mana yaalaatti yeroo ulfaa yoo fayyaa tahanillee yoo xiqqaate si’a 4 hordoffii gochuu qabu, Nyaatawwan madaalawaa tahan kanneen akka kuduraaf fuduraa, Atara/baaqelaa, foon, hanqaaquu/killee, Aannan fi yoo argama tahe qurxummii faa soorachuu qabu, Yeroo ulfaa gara jalqabaa sababa jeeqamuu hormooniirran kan Ka’e nyaati isaan nyaatan waan isiniif hin sifoofneef (haqqisaa, ol nama xuquu fi fedhiin nyaataaf hir’achuu waan jiruuf nyaata jajjjaboo tahan xixiqqeessuun yeroo yeroon soorachuu qabu.

Boqonnaa fudhachuu, Akkasumas ba’aa ulfaataa tahe kaasuu dhiisuu, Qoricha kamillee gorsa ogeessa fayyaa malee ykn ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuu hin qaban. Sababni isaas qorIchoonni tokko tokko daa’ima gadameessa keessaarratti miidhaa waan geessisuuf, alkoolii dhuguuf tamboo aarsuurraa of qusachuu qabdu, qoricha dhiigaa (ayiranii) yeroo ulfaa ogeessi fayyaa isiniif ajaju addaan kutuu hin qabdan/qaban,

Mallattoowwan akka mataa dhukkubbii, Hoo’ina qaamaa (leeydaa), nama joonjessuu (dacheen shir nama jechuu), dhangala’aan foolii qabu gadameessa keessaa dhangala’uu, Dhiiga yoo ofirratti argitan, Bishaan garbaa (gubbee) otoo cimiimmuun hin dhufin yoo isaan irraa dhangala’e hatattamaan mana yaalaa deemuu qabu. Dubartiin haadha, obbolaadha, haadha manaadhas. Kanaafuu abbootin manaas haadholii manaa keessan yeroo ulfaa sirriitti kunuunsun isinirra jiraata.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*