1. EGGANNOO QAAMAA- Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu, Yoo kophee godhatan kophee baballaa ykn kan duraan kaa’atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa’achuu, Yoo deeman miila qullaa fi kopheewwan miila mullisan kaa’achuu irraa of eeggachuu, Yoo miila dhiqatan bishaan dilallaa’aadhaan dhiqachuu, Miila isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre caqasuu qabu.
Sababa adda addaatiin madaan miila isaanii irratti yoo ba’e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf mana yaalaa deemuu qaban.
2. QORICHA- Qoricha mana yaalaa nuuf kennamu seeraan eegnee yoo fudhanne gilukoosii qaama keenya keessaa ggarmalee akka ol hin kaane taasisuudhaan rakkoo dhukkubi kun onnee kalee fi qaamota biroo irraan ga’u akka dafee hin dhufne tasisa.
3. NYAATA- Waantoota qabiyyee sukkaaraa qaban kanneen akka shayii, dhugaatii lallaafaa mi’aawaa, fi kkf. Irraa of qusachuu qabna. Kuduraa fi Muduraa mimmiyaa’oo hin taane ammoo sirriitti siirachuudha. (Asirratti yeroo tokko tokko sukkaara baay’isanii nyaachuudhaan dhukkubni sukkaaraa nama qaba jedhanii kan yaadan dogoggora. Erga dhukkuba sukkaaraan qabamnee garuu nyaachuu hin qabnu.)
Nyaata coomaa fi dhadhaaan itti baay’ate nyaachuu irraa of qusachuu. Kunis nyaanni kun ofuma isaatiin illee rakkoo qaamota keenya akka onnee fi hiddoota dhiigaa irratti waan fiduuf warra dhukkuba kana qaban irratti ammoo waan irra hammaatuuf.
Sababa adda addaatiin yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu’e mallattoo akka dafqisiisuu, dadhabsiisuu, rukkuttaan onnee garmalee akka nama fiigaa jiruutti rukkutuu fi of wallaaluu yoo argitan daftanii waan sukkaara qabu xiqqoo fudhachuu qabdu. Kan akka karamellaa, lallaafaa… Akkuma Mallattoon sirraa’een garuu dhaabuu qabna. Yoo irra deddeebi’ee yeroo baay’ee nutti dhufe tarii dosen qoricha fudhachaa jirruu olka’aa ta’uu waan danda’uuf mana yaalaa deemnee sirreessisuu qabna.
Leave a Reply