Mukuu Garmalee (Depression)

Mukuun/Dibbirtiin dhukkuba sammuu baay’ee hammaataa ta’eefi addunyaa keenyarratti namoota miliyoona 264 ol miidhudha jedha dhaabbanni fayyaa addunyaa (WHO)n. Dhukkubni kun miira namaa jeequrra darbee haga dandeettii yaaduu keenyaa jeequufi wantoota jireenya guyyaa guyyaan taasisnu (day to day activities) hambisuutti gaha. Namni dhukkuba kanaan qabame mallattoolee gurguddoo armaan gadii argisiisuu danda’a.

  • Miirri gaddaafi kophummaa itti dhagahamuu.
  • Abdii kutachuufi miira haarin liqiffamuu.
  • Akka waan badii guddaa uumaan isaanillee isaaniif hin dhiisne hojjataniitti, jiraachuun isaanii bu’aa akka hin qabneefi gatii maleessa akka ta’anitti of yaaduu (miirri kun gara of dhabamsiisuutti nama geessuu danda’a (suicide attempt)

Namoonni miidhaa mukuuf saaxilaman kun baay’een isaanii waa hojjachuuf fedhii dhabu, Miira dadhabbiifi humna dhabu, Wantoota yaadachuu dadhabu, Murtoo murteessuu dadhabuufi xiyyeeffannoo dhabu, Fedhii nyaataa dhabu, ulfaatinni qaamaa baay’ee hir’atu, Waa’ee du’aa yaadu, of ajjeesuuf yaalii taasisu, Dhukkubbii qaamaafi mataa, Rakkoo bullaayinsa nyaataa sababni isaa hin beekamne nama mudachuufaadha.

Hubachiisa: mallattoolee kun marti nama tokkorratti mul’achuu dhiisuus mul’achuus danda’a. Akkaataa mallattooleen itti mul’achuu danda’an namaa namatti garaagarummaa qaba. Sababoonni dhukkuba kanaaf nama saaxilan (causes)

Dhiibbaa jireenyaa kanneen akka hojii dhabuu (unemployment), Rakkoolee hawwaasummaa (social problems), Dhiibbaa xiinsammuurra gahu (psychological trauma), Dhukkubbii qaamaa cimaa ta’een qabamuu, Walii galtee dhabuu maatii, Hojii malee yeroo dheeraa turuu, yeroo baay’ee jaalallee isaanii faana walii galtee dhabuun dhukkuba kanaaf isaan saaxila.

Walumaa galatti yeroo ammaa kana dhibee COVID-19 sababeeffachuun barattoonni hojii tokko malee barnootarraa deebi’anii maatii isaani bira jiran carraan isaan dhukkuba kanaan qabamuudhaaf qaban bal’aadha. keessattuu immoo barattoonni eebbifamtootaa yeroo lama waamamtanii addaan isin jalaa cite baay’ee gadduu fi abdii kutachuu irraa kan ka’e carraan dhukkuba kanaan hubamuu keessan bal’aa waan ta’eef, wantoota armaan gadii kana akka gootanan isin gorsa.

  1. Ispoortii gosa garagaraa hojjachuu,
  2. Hirriiba gaarii rafuu,
  3. Nyaata isiniif kennamu haalan nyaachuu hin dagatinaa.
  4. Ofitti amanamummaa keessaniifi abdii keessan gara fuulduraa cimsadha.
  5. Namoota jaallattaniif ykn maatii waliin yeroo taphaa/bashannanaa qabaadhaa.
  6. Karaa ittiin dhiphina keessan hir’isuu dandeessan, kanneen akka kitaaba dubbisuu, barreessuu, hiriyyoota keessan faana taphachuu,
  7. Audio viidiyoowwan bashannansiisoo ta’an daawwachuu, yoo dandeessaniif haala mijataa qabaattan immoo viidiyoowwan hojjachuun hojiirra oolchuu hin dagatinaa.

Yoo kanarra darbee dhukkubichi isin mudateefii mallattooleen armaan olii isinirratti mul’ate ogeessa fayyaa dubbisaa.

Tasgabbii Sammuu Argachuuf

  • Jireenya hafuuraa ofii jabeessuu, mediatate gochuun baay’ee akka gargaaru dha kan qorattootni baayyee ibsan.
  • Hirriiba boqonnaa qabu ykn qulqulluu qabaachuu
  • Araada dhugaatii, tamboo, jimaa irraa fagaachuu
  • Hariiroo fayyaalessa qabaachuu
  • Haaloo hir’isuu, dhiifama guddisuu
  • Gar-malee of cepha’uu, of abaaruu dhiisuu
  • Naannoo ofii namoota ilaalcha qoraatta’aa/negative guutaman irraa qulqulleessuu
  • Hafuura miidhamtummaa hir’isuu. Yeroo hundaa nan miidhame jechuu keessaa ba’uu
  • Namoota gammachiisuuf xaaruu/carraaquu dhiisuun ofirratti xiyyeeffachuu.
  • Dadhabinaa fi jabina ofii adda baasanii beekuu.
  • Galateeffachuu baruu

1 Comment

  1. Yaadi keessan kun Gaariidha, garuu dhimma fayyaa maxxaanfame kana irratti nama hasoofsiisu Nan barbaadan ture yoo Isiniif danda’ame email koon na meet goodhaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*