Kunuunsa Haadholii Ulfaaf Godhamuu Qabu

Kunuunsi daa’imaaf godhamu gadaameessa haadhaa keessaa kaasee akka eegaluu meeqa keenyatuu beeka? Daa’ima fayyaa qabeessa argachuufis ta’ee fayyaa haadhattif kunuunsi yeroo ulfaa godhamu baay’ee murteessadha. Mee isaan keessaa muraasa isaanii yaa ilaallu:-

1. Akkuma ulfa ta’uu shakkinen mana yaalaa deemun ilaalamuu. Yoo ulfa ta’uu beekame hordooffii ulfaa eegaluu fi qorannoo barbaachisaadha jedhame ogeessi fayyaa keessan isinii ajaje gochuu. Vaayitaminii garagaraa fi albuudota akka ayiranii kan yeroo ulfaa baay’ee barbaachisanii fi kennaman sirnan fudhachuu.
2. Nyaata madaalama ta’e nyaachuu. nyaanni fayyaa haadhaa fi daa’immatifis baay’ee murteessaadha. keessattuu nyaanni akka muduraa fi kuduraa ta’an baay’ee filatamoodha. Nyaata yeroo nyaattan xixxiqeesaanii, guyyatti al 5 fi sanii ol yoo ta’e filatamadha. Foon dheedhii, hanqaaquu fi kkf osoo hin bilcheessin, Aannan osoo hin daffissin, nyaachuu ykn dhuguu hin qaban.

3. Bishaan gahaa dhuguu. dubartootni yeroo ulfaa dhangala’aa kan yeroo ulfa hin taane caalaa barbaaduu.
4. Tamboo aarsuu hin qaban ykn naannoo namni tamboo aarsuu jiraachuu hin qaban/ nama tamboo aarsuu irraa fagaachuu.
5. Alkoolii dhuguu fi araada biroos fayyadamuu hin qaban
6. Hirriba gahaa rafuu. yeroo ulfaa kanatti sa’aa 7-9 yoo rafan ni gorfama.
7. Sochii qaamaa gochuu. dubartootni ulfaa haalli isaan daangeessu yoo hin jiraatin, sossochii xixxiqqaa kan akka deemsaa lukaa, daakka bishaanii guyyatti daqiqaa 30f fa’a gochuun ni gorfamu.
8. Dhiphina hir’isuu fi hariiroo gaarii abbaa manaa ykn maatii waliin qabaachuu.

9. Yoo mallattoon akka dhukkubbii mataa hamaa, lafti namaan martuu, iji namatti dimimmisuu ykn ilaaluu dadhabduu, dhukkubbii laphee ykn garaa, dhiigni ykn dhangala’an qaama saalan yoo bahe, hoo’i qaamaa yoo dabale, Olguursisuu fi haqqisiisu hamaa ta’e, Sochiin daa’imaa yoo hir’ate ykn dhabame, Hammi fincaanii yoo hir’ate ykn yoo fincaa’an kan nama gubu yoo ta’e, Yeroo kanatti dafanii mana yaalaa deemuu qabu.
10. Qoricha kamiiyyuu yoo fudhatamu gorsa ogeessa fayyaatin qofa ta’uu qaba. Qorichoonni tokko tokko qaamni daa’imaa akka sirrii ta’ee hin uumamne gochuu mala waan ta’eef.

Hubachiisa: Dubartiin ulfaa takka Yaaddoo fi gaaffii qabdu yeroo kamittuu ogeessa fayyaa gaafachuun deebii argachuu qabdi.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*