- Kaansariin harmaa maali?
- Wantootni sababa tahanihoo?
- Mallattooleen isaahoo?
- Akkamiin irraa of eeguun danda’ama?
- Dhiira irratti ni mul’ataa?
– Dhalli namaa erga dhalatee ni guddata, ulfaatinaan, dheerinaan wantoota hundaan dabala deema. Akkasuma seelonni qaama keessaa yeroo yerootti du’aa, dhalataa, jijjiramaa fi bakka wal buusaa deemu. Dhukkubbni kaansarii akkakuudhaan hedduu adda adda ta’anillee akkaataan dhukkubicha itti eegalu walfakkaataadha. Sunis yoo nama qabatu, seeloonni qaamaa yoo tokko du’ee tokko bakka bu’aa deemu haala walmadaalaadhaan dhiisee seelii haaraan uumama deemu to’annaa ol garmale baay’ata. Seeliin lakkoofsaan hedduu to’anna dandeetti qaamaan ala ta’etu uumamaa deema jechuudha. Haaluma kanaan gara kaansariitti jijjiirama. Kaansariin harmaas tartiibuma kana hordofuun nama qaba.
– Wantootni nama saaxilan akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama. Hawwan Umuriin deeman irratti baay’inaan ni mul’ata (old age). Dhalaa/ dubartii ta’uu ( Gender). Kun sababa isa guddaa ta’uun ni beekama. Dubartoota maatiin isaan kaansarii qaban, dhalli isaani booda dhufu qabamuudhaaf carraan ni jira ( Family history). Dubartootni harmi isaanii hammaan seelonni itti baay’atu ( high breast density). Dubartoota otoo hin heerumin(hin da’iin) turan. ( Ulfa jalqabaa umurii 30 olitti yoo dahan/dhalan). Akkuma umuriin isaanii otoo hin dahiin dabalaa deemuu, carraan rakkoo kanaan saaxilamuu ni dabala. Cararii yaalaaf kennamullee rakkoo kanaaf sababa ta’a. Tamboo xuuxuu, Alkoolii haga eeyyamamuu ol fayyadamuu fi furdinni qaamaa illee akka sababaatti ni himama.
– Mallattooleen kaansariin harmaa:a. Haphina gogaa fi jiguu harmaa. b. Dhooqinsa ykn gadi dhooqachuu.c. Harmi bifa isaa ni jijjiirama akkasuma ni madaa’a.d. Fiixee harmaa irraa akka dhangala’aattis ta’ee akka dhiigaatti ni baha.e. Naannoo fiixee harmaatti googaan irraa ka’uu danda’a.f. Sararri dhiigaa furdachuu fi booda irra dhukkubbiin illee itti dhagahamuu danda’a fi kkf..
– Akkamin of eeggachuun danda’ama?Akka qoraannoon ibsutti parsantii 30-50 du’a kaansari harmaan dhufuu ittisuun ni danda’ama. Kunis ta’uu kan danda’uu rakkoolee nama saaxilan fi ittisuun danda’amu irraa bilisa ta’uudha. Tooftaalee armaan gadii akka fayyadaman dubartootaaf gorsi ni kennama.
1ffaa: Durbartootni mana isaaniitti harma ofii isaani qaqqabanii ilaalu fi jijjiiramuu bifa gogaa kalbeeffachuudha ( Breast self examination).Kunis yeroo Dubartootni umuriidhan 20 ol ta’aniif hojjeta. Qorannoon tokko tokko umurii 15 olitti akka jalqabamu illee ibsa. Tooftaan kun kan hojjetamu laguun/ xuriin dhufee guyyaa 3-5 booda baatii baatii dhaan itti fufinsaan harma keessan qaqqabdanii ilaaluun gaariidha. Tooftaan kan biraa immoo kutaa ciisichaa keessan keessatti of ilaalee/daawwitii fayyadamuun bifni harma keessanii isa duraa irraa jijjiiramuu isaa ilaaluunis filatamaadha. Tooftaan kun rakkoolee isin mudatan dafee adda baasuuf gargaara.
2ffaa: Mana yaalaa deemani docktoraan ilaalamudha ( Clinical breast examination). Tooftaan kun baay’ee filatamaadha. Dubartoota waggaa 20 ol jiran akkaataa umurii keessaniin gorsa ogeessaa fudhatanii ilaalamuun bayeessa. Tooftaan kun sababni barbaachiseef kaansariin kun otoo haala hammaataa fi sodaachisaa irraa hin gahiin dafee adda baasee akka yaalamu taasisa.
3ffaa: Rakkoolee nama saaxilan irraa of eeguun hammeenya isaa hir’isuun ni danda’ama.
4ffaa: Kaansarii harmaa dhiira irratti illee argamuu ni danda’a. Barreeffamni kun haalaan baay’atullee dubbisaa irraa fayyadamuu ni dandeessu.
Leave a Reply