Ija Dadhabaa (Mata Malas) atau (Amblyopia)

Miirri agartuu ija lachuu gara sammuutti ergama. “Iji ni ilaala, sammuun ni arga” akkuma jedhamu, wanta iji ilaalu tokko kan hiika itti kennuu fi wanti sun maal akka ta’e kan hubachuu danda’u sammuu dha. Miirri agartuu ija lachuu sammuudhaan hoogganama jechuudha. Hooggansi sammuu kun immoo dandeettii agartuu ija lachuu irratti hunda’a. Qulqullinni dandeettii agartuu ija lachuu yoo wal-qixa ta’e, sammuunis ija lachuu wal-qixa hooggana.

Garuu, miirri ija tokko irraa gara sammuu dhufu yoo qulqullina dhabe (yoo iji sun akka gaariitti arguu baate), sammuun hariiroo ija sana waliin qabu addaan kutaa deema. Yeroo akkanaa, miirri agartuu ija sanaa sammuu biratti hiika hin qabaatu waan ta’eef iji sun faayidaan ala ta’aa deema. “Ija Dadhabaa” jechuun kan akkanaati.

Dhibeen kun Umrii kam irratti mudata?

Dhibeen kun ijoollee waggaa 10 gadii qofa mudata. Sababni isaas, umrii kanaa gaditti sammuun ija hoogganuuf bilchina ga’aa kan hin horatiin jiru (kichuu) waan ta’eef dha. Kanaafuu, dhibeen kun mudachuus yaalamee fayyuus kan danda’u bilchinni sammuu fi ijaa sadarkaa kichuu irra yeroo jiru qofa. “Gogaa jiidhaatti maru” jedhama.Karaa biraatiin, umrii waggaa 10 booda dhibeen kun akka haaraatti mudachuu hin danda’u; kan duraan mudates umrii kanaan booda yaalamee fayyuu hin danda’u jechuu dha.

Dhibee kanaaf maaltu Nama saaxila?

Dhibee kanaaf kan ijoollee saaxilan keessaa muraasni:-

  1. Kalaabsuu qola ijaa (Ptosis)
  2. Godaannisa fuul-duree ijaa (Corneal Opacity)
  3. Dhibee moora keessoo ijaa (Cataract)
  4. Qaroo dhihoo yookaan qaroo fagoo (Refractive Errors)
  5. Ija shalaala (Ballaa) (Strabismus)

Ijoollee dhibaman eenyutu yaala?

Ijoollee dhibaman kanneen kan yaalu maatii yoo ta’u, kan hordoffii taasisu immoo hakiima ijaati. Kana jechuun, akka gorsa hakiimaatti maatiin ijoollee isaanii manatti yaaluu danda’u.

Maatiin akkamitti yaaluu danda’u?

Ija isa fayyaa haguuguu (Occlusion Therapy) dhaan. iji inni fayyaa guutummaa guutuutti yeroo haguugamu, daa’imni sun ija isa dadhabaa fayyadamuuf dirqama. Yeroo kana, sammuunis suuta suutaan hariiroo ija fayyaa waliin qabu hir’isaa, ija dadhabaa sana waliin immoo hariiroo cimsachaa deema. Yeroo ta’e irratti dandeettiin agartuu ija lachuu wal-qixxaachuu eegala.

Hammeenyi dhibee kanaa maalidha?

Hammeenyi dhibee kanaa umrii daa’imummaa irratti mudachuu isaati. Daa’imman immoo dhibee tokko ofirratti beekuus himachuus hin danda’an. Umrii waa hubachuu danda’an irra yeroo ga’an immoo dhibeen kun yaalamee fayyuu hin danda’u. Kanaafuu, daa’imman keessan irratti dhibee ijaa kamuu yoo argitan yookaan yoo shakkitan yeroodhaan hakiima ijaa bira geessuudhaan akka isaan ilaalamuu danda’an taasisaa.