Hirriibni salphaadhumatti, waantoota dhalti namaa lubbuun jiraachuuf barbaadu ta’ee, addatti amma kan kaasuun barbaachiseef ammoo, dandeettii dhukkuba of irraa dhorkuu qaamaa ykn maadiinummaa (immunity) waliin wal qabatuufidha. Namni hirriiba ga’aa hin rafne ykn hin arganne, madiinummaan isaa/ishee gadi bu’a. [United States National Institute of Health]
Namni ga’eessi tokko hirriba ga’aa fayyaa isaaf/isheef gaarii ta’e rafaa jira/jirti kan jennu, yoo namni kun guyyaatti (sa’aa 24 keessatti) turtii sa’aa 6 haga 8 gidduu rafa/rafti ta’eedha. [Hirriba guyyaatti sa’aa saddeet (8) ol rafuunis miidhaa qaba] Kanaafuu, namni guyyaa tokko keessatti sa’aa 6 gadi rafu hirriiba ga’aa argataa hin jiru jechuudha.
Mee namni rafuu barbaadee hirriibni dide ammoo yoo maal maal godhe carraan hirriiba rafuu isaa ol ka’aa ta’aaf?
- Galgala galagala sa’atii wal fakkaataatti gara sireetti ba’uu.
- Gara siree deemanii ciisuun dura, yoo kan argamu ta’e aannan hoo’aa dhuguu.
- Rafuun dura bishaan hoo’aan qaama ofii dhiqatanii ciisuu.
- Kitaabota addaa addaa dubbisaa ciisuu.
- Ammaa ammaa sa,aatii ilaaluu dhiisuu.
- Nyaata baay’ee yokaan ulfaataa (bulky food) gara ciisichaa deemuun dura soorachuu irra yoo kan soorannu ta’e nyaata sasalphaa nyaachuu.
- Muuziqaa fi waantoota sagalee qaban biroo of irraa fageessuu.
- Warreen muuziqaa dhaggeefachuu jaallattaniif ammo classical dhaggeefataa ciisuu.
- Bakkeewwa hedduu jaallatan, gola (bakka) ciisicha ofiitti suuraadhaan maxxanfachuu.
- Ifa mana ciisicha ofii keessaa balleessuu.
- Bunaa fi waantoota isa fakkaatan (kanneen qaama si’eessan) ciisuun dura fudhachuu dhiisuu.
- Rafuun dura sochii qaamaa taasisuu.
Qabxiilee kudha laman olii kanneen sirnaan hojirra kan oolchinu yoo ta’e carraan hirriiba dafnee rafuu keenya ol ka’aa ta’a.