
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo ifxaaraa (galgala) fi suhuuraa (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi’aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaas-dinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha.
Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.
1. Bishaan (Water)
- Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
- Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
- Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta’eefidha.
- Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroo qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa bareedaa qabu keessa turuu fi aduutti ba’uu dhiisuun hedduu nu gargaara.
2. Ifxaar
- Ifxaar irratti nyaata annisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta’e soorachuu qabna.
- Yeroo hedduu tamiirii (dates) ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta’ee fi Ifxaar irrattis kan sooratamuudha. Tamiiriin nyaata rafeejii (fibre) hedduu barbaachisu of keessaa qabudhas.
- Kuduraalee fi muduraalee ga’aa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi neutrientota addaa addaa argachuuf hedduu nu gargaara.
- Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban Ifxaar irratti soorachuun filatamaadha.
- Foon (coomaa hin qabne), lukkuu (gogaa ishee irraa hambisuun) fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga’aa akka argatu gargaara.
- Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irraa gurguraman fi sooratni sukkaara hedduu of keessaa qaban hin gorfaman.
- Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.
3. Suhuura
- Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin hedduu raagan, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
- Nyaati suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu’aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.
4. Haala Nyaata Walii Galaa Irratti
- Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga Ifxaar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
- Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
- Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
- Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga’u qofa nyaachuudha.
- Haga danda’ame bakka tokko taa’aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay’isuun fayyaaf ni gorfama.
5. Haalota Addaa
5.1 Dhukkuba Sukkuuraa
- Namoonni dhukkuba sukkaaraa keessumaa ammoo dhukkuba sukkaaraa isa gosa 1ffaa (kan yeroo baa’yee ijoollee fi dargaggoo hubu ykn type 1 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban akka soomuu hin filanne gorfama.
- Namoonni dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (kan yeroo hedduu namoota ga’eessota waggaa 30 olii hubu ykn type 2 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban ammoo yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.2 Dhiibbaa Dhiigaa
Namoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabanis yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.3 Haadholii ulfaa fi harma hoosisan
- Karaa amantii soomaaf kaadhimamoo akka hin taane akkuma jirutti ta’ee, yoo tarii akka tasaa soomuuf murteessan, dirqama hakiima isaan yaalu waliin dursanii mari’achuu qabu.
6. Fakkeenya (Example) Nyaata Ifxaaraafi Suhuura
6.1 Fakkeenya (examples) nyaata ifxaariif qophaa’uu:
- Shoorbaa kuduraalee kan manaatti hojjatame (kan daakuu suuqii irraa bitamuun hojjatamu osoo hin taane jechuudha).
- Salaaxaa magariisa.
- Fuduraalee walitti makaman (squash/eggplant/grape leaves).
- Foon lukkuu
- Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni bishaanichaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
6.2 Fakkeenya (examples) nyaata suhuuriif qophaa’uu:
- Daabboo muraa lama.
- Hanqaaquu sirriittii bilchaate (bilchaate).
- Sliced vegetables from two vegetables.
- Chiisii (bu’aa loonii).
- Gosoota shayii addaa addaa kan kaafeenii ofkeessaa hin qabne.
- Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni isaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.