Yeroo ammaa kana biyya keenyas dabalatee, akka guutuu addunyaatti namni sababa garagaraatin yogguu dhiigu baay’inaan mul’ata. Dhiiguun waan haaraya ta’uu baatus kan Jaarraa keenyaa kun adda yoo jenne soba hin tahu. Fknf, balaa konkolaataa, Rasaasaan, Uleen, Meeshaa qara qabaniiifi Cubee fa’an rukkutamee ykn miidhame fi miidhamaa jiru baay’edha. akkasumas bineensota tokko tokkoon kan miidhaan irra gahaa jiruus ni jira. Miidhaan sababa kanneenin nama irra gahan hedduu ta’uus, kan hunda irrattuu yeroo baay’ee hin hafne fi du’aaf nama saaxilu ‘dhiiguu’ isaa akkamitti hanga mana yaalaa geenyutti gargaarsa duraa gochuu dandeenya? kan jedhu yaa ilaalluu:-
- Duraan dursa qulqullinnaaf dursa kennuu, kanaaf ofii keenyaaf nama miidhame sana osoo hin tuqin harka keenya sirriitti dhiqachuu, akkasumas nama miidhamee saniif iddoon madaa sun yoo xuraa’e jira ta’e suuta jennee qulqulleessuu.
- Iddoo dhiigaa jiru san uffata qulqulluu ta’een sirriitti jabeessinee hidhuu
- Iddoon dhiigaa jiru harka ykn luka yoo ta’e iddoo dhiigaa jiru gara oliitti xiqqoo ol siqnee wanta biraan hidhuu
- Iddoon dhiigaa jiru caba lafee qaba yoo ta’e ykn yoo shakkine bakka san sosochoosuu hin qabnu, kanaaf wanta akka kaartoonii itti hidhuun gara mana yaalaa dafnee deemuu.
- Miidhaan qaqqabe rasaasa, meeshaa qara qaban fa’an yoo ta’e keessaa baasuuf xuxxuquu hin qabnu, akkuma keessa jirutti gara mana yaalaa geessuu.
- Sababa miidhaan qaqqabe hamaa ta’eef, baay’ee dhiigeef ykn miidhaan gahe mormaa ol ta’eef namni sun of-wallaaluu ykn gaggabuu danda’aa; yeroo kana hanga danda’amaa ta’een dafnee hatattamaan gara mana yaalaa deemuu qabna yeroo kanas yoo ciibsinu mataa isaa lukaa gaditti qabnee, mormi akka hin sosochoone goonee deemuu qabnaa.
Hubachiisa: Dhiiga nama kamuu xuxxuquun hin gorfamuu, kanaaf hanga dandeenyetti of-eeggaannoo gochuu qabna. Golgoo/Gilaavii harkaa kaayyachuu dagachuu hin qabnu. ykn wanta akka pilaastikaa kan dhangala’aa dabarsuu hin dandeenye harka keenyatti yoo maranne gaaridha. akkasuma qaama keenya birootifiis of eeggannoo barbaachisu taasisuu qabna.
Leave a Reply