Dhukkubbii Garaa Yeroo Marsaa Laguu (Dysmenorrhea)

Dhukkubbiin garaa ykn gadameessaa yeroo marsaan laguu dubartootatti dhufu baayyee beekamaadha. Dubartoota baayyeetu dhibee kanan hubamaa. Yeroo marsaan laguu dhufu dhukkubbi xiqqoon inuma jiraataa. Haa ta’u malee dubartoota tokko tokkoo irratti dhukkubbin kun baayyee hamaa fi dubaartonni baay’een sababa kanaaf barumsa ykn hojii idilee isaanii irraa akka hafanii fi akka seeran hin hojanne isaan taasisa.

Dhukkubbiin kun bakka lamaatti qoodamaa, isaanis:

  1. Gosa (Primary dysmenorrhea):- inni kun kan dhibee gadameessaa waliin wal hin qabanneedha.
  2. Gosa (Secondary dysmenorrhea) inni kun immoo dhibee gadameessaa waliin kan walqabatuudhaa.

Dhukkubbiin laguu kan dhibee gadameessaan wal hin qabanne, dubartoota yeroo jalqabaatiif waggaa 1-2 erga marsaa laguu arganii booda kan mul’atuu fi dubartootni waggaan isaanii 14-24 ta’an irratti kan mul’atuu fi akkuma umriin isaanii dabalaa deemun hir’acha deemaa. Dhukkubbin kunis guyyaa tokko dursee osoo laguun isaaniitti hin dhufiini kaasee hanga guyyaa 2-3 wayita laguu irra jiraanitti kan mul’atudha. Dhukkubbiin marsaa laguu kan dhibee gadameessaan dhufu immoo osoo laguun isaanitti hin dhufin torban tokkoo hanga lamaa erga dhukkubee booda wayita laguu fi erga laguun dhaabbatee booda itti fufuun isaan dhukkubaa.

Dhibeen kun akkuma umriin dabalaa deemun namatti dhufa (waggaa 30-40 booda). Dabalatanis dhibeen kun dhukkubbii yeroo walqunnamtii saalaa fi boobbaa bahan itti dhagahamuu danda’aa.

Furmaata fi yaala dhukkubbii yeroo Marsaa laguu:

Kan dhibee gadameessaa waliin wal hin qabanne (Primary Dysmenorrhea) Yeroo baayyee ofii isaatti bada, garuu yoo dhukkubbiin kan turu ta’e ykn immoo dhukkubbii baayyee hamaa ta’e kanneen armaan gadii fayyadamun isin gargaaruu danda’aa.

Bishaan baay’isaani dhuguu (guyyaatti hanga burcuqqoo 6–8), Nyaata kuduraa fi muduraa garagaraa nyaachuu Fkn: timaatima, zinjibila, abukaadoo fi kkf.. Dhaqna (Shaaworii) bishaan hoo’aan tibba san dhiqaachuu, Sochii qaamaa sasaalphaa gochuu, Bishaan hoo’isun eega hoo’e booda uffata xiqqoo (fooxaa) keessa cuuphun keessaa baasaani ykn “highland ” keessaatti naquun suuta jedhanii iddoo dhukkubu san irra susukuumu, Hirriiba gahaa rafu, Qorichoota miira dhukkubbii hir’isaan kanneen akka Ibuprofen, Indomethacin, diclofenac fi kkf akkasumas darbe darbee qoricha qusaanna maatii liqiinfaaman (OCP) fudhaachu. Gargaarsa xiin-sammuu gochuu, kan kana godhu immoo (Abbaa, harmee, Obbolessa/tti, Abbaa warraa fi jaalallee fa’a)

Kana hunda gootanii yoo dhukkubbiin dhiisuu didee fi dhukkubichi kun kan dhibee gadameessaa waliin walqabataan (Secondary dysmenorrhea) yoo ta’e immoo mana yaalaa deemun Ogeessa fayyaa mar’isisuu qabdu.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*