Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, keessattuu kan bobaa Jalaa, ni baay’ata. Dafqi baay’atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta’uu mala. Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.
wantoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko haa ilaalluu:
Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta’an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko (Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo’a qaama keenyaa to’achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha. Inni lamataa (Apocrine glands) ammoo gogaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamuu dha.
Xannachi kun harma irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta’u, gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta’e kan pirootiiniif keemikaalota biraa qabu maddisiisa.
Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaata.
Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman keessaa:
- Namoota Furdinna garmalee gudda ta’e qaban.
- Namoota yeroo baay’ee nyaata zayitiin, Qullubbiin, Shunkurtiin, itti baay’ate fayyadaman
- Alkoolii, Buna, Sigaaraa baay’isanii fayyadamuu
- Namoota hedduminnaan foon diimaa nyaachu guddisan
- Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban fa’a.
Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:
‣ Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:- Qaama keenya bishaan hoo’aa dhaan dhiqachuu. Bishaan hoo’aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii badaa qabaatuuf sababa ta’an xiqqeessa.
‣ Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu. Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka dafee hin hurkine gochuun baakiteriyootaaf saaxila.
‣ Saamunaa mana qorichaatti gurguraman Kan baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM fa’a fayyadamuu.
‣ Nyaata zayitiin itti baay’ate yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu. Foon diimaas baay’isuu dhabuu. Kuduraaleef fuduraalee fayyadamuu.
‣ Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn “deodorant” adda adda fayyadamuu.
‣ Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn hirdhachuu dide dhiheenyatti deemuun Doktora ykn ogeessa yaalaa mari’achiisuun “anti perspirant” fayyadamuun barbaachisaa ta’a.
Leave a Reply