Dhungoo/kissing booda Iccitii saayinsaawaa maaltu jira?
Yeroo namoonni wal jaallatan lama wal dhungatan kemikaaloonniifi hormoononni madda gammachuu tahan hedduun gadi-dhiifamu. kannee keessaa Dooppaamiiniin (dopamine) tokkoofi isa hangafadha. Kemikaalli kun kutaa sammuu keessaa kan maddu yoo tahu miirri gammachuu guddaan akka nutti dhaga’amu taasisa. Wal dhungachuu malees kemikaalli kun baaloota sammuu hadoochan fayyadamuufi nyaachuuniis madduu danda’a.
Dhungoon jaalalaafi bultii keessattiis murteessaa dha. keessattuu Hariiroo namaa irra caalatti walitti guduunfa.kunis kan ta’u Hormoonii Indoorfiin (endorphin) jadhamu maddisiisuun guyya guyyaan gammachuu akka argannu nu taasisa. Namoonni lameen haala wal dhungoo kana irratti kan hirmaatan yoo tahe qaamni isaanii Indorfiin (endorphin) kana maddisiisuun daran gammadoo tahanii daran akka walittiis dhihaatan isaan taasisa.
Dabalataaniis, wal dhungachuun hormoonii oksitoosiin (Oxytocin) jadhamu maddisiisuuniis ni beekama. Hormooniin kun ‘hormoonii jaalalaa jedhaamee kan waamamu yoo ta’u Inniis jaalalleewwan giddutti qaanqee jaalalaa bobeessuun akka waliin turantaasisuuf gargaara.
Bara 2009’ti qorannoon waa’ee dhungoo irratti taasifame tokko akka addeessutti wal dhungachuun dubartoota vaayrasii hancufa namaa keessatti argamu kan ‘Cytomegalovirus’ jadhamu irraa dandeettii ittisuu kennaaf. Vaayirasichi kun uumamaan kan nama miidhu ta’uu baatullee garuu yeroo ulfaa daa’ima gadameessa keessa jiru ajjeessuufi rakkoolee sammuutiif saaxiluu ni mala.
Wal dhungachuun daqiiqaa tokko keessatti kaaloorii 6 gubuu danda’a. Kana jechuun sa’aa tokkoon yoo herreegne kaaloorii fiigicha sa’aa 1 tokkoon gubamu caalaa guba jechuudha. Kanaaf ulfaatina qaamaa hir’isuu keessattillee gahee qaba jechuudha.
Dhungoon dhiphina ykn stress hir’isuu keessattillee ga’ee olaanaa qaba. kunis hormooniwwan dhiphinaa koortisol jedhamu hir’isuun dhiphina hir’isuu keessatti ga’ee qaba. Kanaaf yeroosaatti itti gargaaramaa!
Leave a Reply