Dhukkubbii Yeroo Wal-qunnamtii Saalaa: Sababoota fi Furmaata Isaa

Dubartoonni baay’een yeroo wal-qunnamtii saalaa dhukkubbiin isaan mudata. Kunis hariiroo jaalalleewwan gidduu jiru laaffisuu fi dhiphina xiinsammuu guddaaf nama saaxiluu danda’a. Rakkoo kana hir’isuuf furmaatawwan kanaan gadii hordofuun ni danda’ama:

Furmaatawwan Murteessoo:

1. Dhiphina (Stress) Hir’isuu: Yeroo baay’ee yaadni dhukkubbii duraan isin mudatee sammuu keessan keessa yoo jiraate, qaamni keessan akka kofnu (tensed) akka ta’u taasisa. Kun immoo hoormonii jeeqee naannoon qaama saalaa akka gogu gochuun dhukkubbii daraan dabala. Kanaaf, sammuu keessan boqochiisuun murteessaadha.

2. Gocha Seensa Wal-qunnamtii (Foreplay) Dheeressu: Ariifachuu dhiisuun baay’ee barbaachisaadha. Akka dhungoo, sukkuummaa fi haasawa miira kakaasan gochuun dubartiin miira guutuun qophaa’uu ishee mirkaneessa. Kunis qaamni saalaa akka jiidhu (lubrication) gochuun dhukkubbii hambisa.

3. Waliigaltee fi Wal-amantaa: Hiriyoonni gidduu isaaniitti wal-shakkuun ykn mufannaan yoo jiraate, fedhiin saalaa gadi bu’a. Rakkoo keessan mariidhaan furuun miira wal-qunnamtii saalaaf qabdan akka sirraahu taasisa.

4. Akkaataa Ciisichaa (Positions) Jijjiirruu: Akkaataa ciisichaa garaagaraa yaaluun isheef mijatu filachuun ni danda’ama. Kunis dhibbaa (pressure) naannoo tokko irratti garmalee dhufu hir’isa.

5. Bishaan Ho’aan Qaama Dhiqachuu: Wal-qunnamtii saalaa dura bishaan ho’aa (warm water) fayyadamuun qaama dhiqachuun maashaan (muscles) akka lallaafan gochuun dhukkubbii hir’isuuf gargaara.

Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabdu?

Dhukkubbiin wal-qunnamtii saalaa yeroo hunda salphaa miti. Yoo mallattoolee kanaan gadii argitan ariitiin ogeessa fayyaa bira deemuu qabdu:

  • Dhangala’aa foolii qabu qaama saalaan ba’u.
  • Yeroo wal-qunnamtii ykn booda dhiigni yoo dhufe.
  • Dhukkubbii cimaa garaa jalaa (handhuura gadii).
  • Gubaa ykn hootii naannoo qaama saalaa.