Dhukkubbii Dugdaa (Sakit punggung)

Dhukkubbiin dugdaa beekkamaa fi rakkoolee namoota hedduuti. Dhukkubbiin kun namoota umrii kamuu keessa jiran muudatus, Garuu namoota umriin deeman irratti ni baay’ata (akkuma umriin dabalaa deemu carraan rakkoo kana qabaachus dabalaa deema). Dhukkubbiin kun kan yeroo gababaa (acute back pain) ykn kan yeroo dheeraa (chronic back pain) ta’uu danda’a.

Yeroo baay’ee namoota irratti dhukkubbiin dugdaa gara gadittii ( lower back pain) mul’atuus, darbee darbee dhukkubbiin dugdaa gara olii (Upper back pain) namoota baay’ee muraasa ta’an muudachuu danda’a. Dhukkubbiin kun kan nama muudatu yeroo kutaaleen qaamaa gara duubatti argaman irra miidhaan gaheedha. Hunda caalaa garuu dhukkubbii dugdaa kan nutti fidu baay’ee beekkamaan rakkoolee maashaalee naannoo kanaatti argaman waliin walqabata. Kunis kan muudatu yeroo Ulfaatina guddaa ol kaasne, haala nutti hin mijanneen yoo ol kaasne ykn yeroo dheeraf kan dalagnu yoo ta’eedha.

Sababa dhukkubbii dugdaaf maaltuu nama Saaxila?

1. Ulfaatina guddaa ol kaasuu ykn haala hin mijanneen ulfaatina ol kaasuu.
2. Ulfaatina garmalee guddaa ta’e qabaachuu.
3. Ulfa (pregnancy)
4. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu. (poor physical fitness)
5. Umrii (older age) dhukkubbiin kun akkuma Umriin dabalaa deemuun carraan rakkoo kana qabaachuu dabalaa deema.
6. Tamboo aarsuu.
7. Dhukkuboota akka kulkuluu buusaawwan lafee dugugguruu dugdaa (arthritis), kaanserii fi kkf..
8. Rakkooleen akka dhiphina sammuu hamaa fi aariin hanga tokko nama saaxiluu jedhamee yaadama.

Yaalaa fi Ittisa Dhukkubbii Dugdaa

Yeroo baay’ee dhukkubbiin kun boqonnaa fudhachuu fi manatti waan sasalphaan of gargaaruun baduu ni danda’a. Yeroo tokko tokko immoo mana yaalatti yaalas barbaachisuu danda’a. Ofii keenyaf yaaluf qabxiilee asii gadii haa ilaalluu:

1. Sosochii qaamaa gochuu. sochiin qaamaa jabinnaa fi qaamni keenya akka salphaatti kottoonfatuu fi diriiru godha.
2. Nyaata madaalamaa (keessattuu nyaatni kaalsiyeemii fi Vaayitaaminii D dhan badhaadhan, fayyummaa lafee keenyaaf baay’ee murteessodha), akkasumas kuduraa fi muduraa soorachuu.
3. Tamboo aarsuu dhiisuu.
4. Ulfaatina guddaa qabna yoo ta’e hir’isuu (Ulfaatina madaalawaa qabaachuu)
5. Yeroo Ulfaatina ol kaafnu; yoo danda’ame haala biraa fayyadamuu ykn suuta jennee ol kaasuu. yoo olkaasnu Ulfaatina guddaa ol kaasuu hin qabnu, yeroo kaasnu haala mijataa qopheefachuu qabna.
6. Dhaabbannaa fi teessuma keenya mijeffachuu (yeroo dheeraaf dhaabbachuu, taa’uu fi ciisuun dhukkubbii dugdaa qofaaf osoo hin taane akka waligalaatti fayyaa qaama keenyaaf gaarii waan hin taaneef, haalli hojii keessan kanaaf kan isin saaxilu yoo ta’e gidduu jidduutti dhiisuun boqonnaa fudhachuun sochii taasisuu). Yeroo teessanii fi dhaabbatanis haala dhaabbanna fi teessuma qaamaa mijataa ta’e qopheefachuu qabdu.
7. Kophee ‘flat’ fi kan nu hin qabne fayyadamuu (kan Koomeen isaa olka’aa hin taane)
8. Dhiphina fi Yaaddoo hamaa xiqqeessuu.
9. Dugda hanga danda’ameen sukkumachuu.

Yeroo Akkamii Mana Yaalaa Deemuu Qabna?

1. Boqonnaa gahaa fudhachuun kan nu hin dhiifne yoo ta’e.
2. Hoo’i qaamaa yoo dabale.
3. Dhiitaan dugda duuba yoo jiraatee.
3. Waliitti fufinsaan kan nama dhukkubu yoo ta’e.
4. Fincaan ykn bobbaa (udaan) too’achuu kan hin dandeenye yoo ta’e.
5. Fincaan fincaa’un kan nama rakkisuu yoo ta’e.
6. Erga rukkutamanii ykn kufaanii booda yoo ta’e.
7. Miilli kan nama adoodu fi sochoosuun kan hin dandeenye, akkasumas dhukkubbiin hanga miilatti kan gahuu yoo ta’e.
8. Ulfaatinni qaamaa yoo baay’ee kan hir’ate ta’e (significant unexplained weight loss) fi kkf.. yoo jiraatan dafnee mana yaalaa deemuu qabna.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*