Dhawaataan Dadhabuu Kalee/ Dhukkuba Kalee Yeroo Dheeraa (Chronic Kidney Disease)
Kaleen wantoonta qaamaaf hin barbaachifne ykn hammii isaani hanga qaamaan barbaadamuu ol ta’an dhiiga keessaa dhimbiibuun fincaaniin akka gara alaa/raasaa bahan gooti. Kaleen keenya dalagaa ishee kana dhawaata dhawaataan ykn yeroo gababduu keessatti sababa dhukkuboota garagaratiin dadhabuu dandeessi. Kun ammoo wantootni qaamaaf hin barbaachifne silaa kan dhimbiibamanii bahuu qaban akka dhiigaafi qaamaa keenya keessatti baay’atan godha. Kun ammoo qaamaa ykn fayyumaa keenyaaf miidhaa ykn xaxaa garagaraa qaba.
Dhukkuba Kalee Yeroo Dheeraaf turuun Kalee keenya dhawaataan dadhabsiisan irratti waan asii gadii haa ilaallu:
Sababoota (Dhuukkuboota) Kaleen keenya yeroo dheeraa keessatti (Ji’oottan hedduu ykn waggoota) keessatti akka dalagaa ishee dadhabaa deemtu godhan:
- Dhukkuba Sukkaraa
- Dhukkuba Dhiibbaa Dhiigaa
- Kulkulfannaa (inflammation) qaamaa kalee kan dalagaa dhimbiibuu hojjatu fi Kulkulfannaa qaamota kaalee naannoo isaatti argaman.
- Yeroo dheeraaf Ujummooleen fincaan keessa taru/bahu sababa garagaraatiin (Cirrachaan, guddachuu Xannacha Pirosteetiitin ykn Kaansarii qaamota naannoo sanii irraa ka’aniin) dhippachuu ykn dhawaata dhawaataan cufamaa deemuun.
- Haallii sirrii hin ta’in kan fincaan afuuffee fincaaniitii gara kallattii Kaleeti ol deebi’u jiraachuun.
- Iitaalee Kalee irratti dhangala’aa qaqqabatanii uumaman jiraachuun (Polycystic Kidney Disease)
- Darbee darbee sababa Infeekshiiniin Kalee yeroo dheeraaf namatti deddeebi’u/nama irra tutturu jiraachuun.
Wantoota, sababoota ykn barteewwaan carraa dhawaataan dadhabuu Kalee ol kaasaan:
- Dhukkuba Sukkaraa ykn Dhiibbaa Dhiigaa yoo qabannee fi hordoffii gahaa gochuun to’achuu dhabuun.
- Sigaaraa aarsuun
- Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuun
- Qorichoota dhukkuba woyyeessuuf tajaajilan (Anti pain) heddumeessinee ykn irra deddebine haanga ajajame ol fudhachuun.
- Uumaamni Kaleefi qaamota ujummoo fincaanii uumamaan sirri ta’uu dhabuun.
- Umriin nama guddachaa deemuun.
Mallatooleen Dhawaataan Dadhabuu Kalee (Chronic Renal Failure) Mallatooleen kun suuta suuta muldhachuu kan jalqaban ta’aniiyyu erga Kaleen haalaan dadhabde booda qofa mul’achuu malu. Mallatooleen kun qofti jiraachuun ammoo dadhabuu kalee mul’isa jechuu miti.
- Lollojjiifi haqqee
- Fedha nyaataa dhabuu
- Nama dadhabsiisuu
- Hirribni nama diduu ykn haalli hirribaa jijjiramuu
- Hammi fincaannu xiqqachuu ykn guddachuu
- Maashaalee keenya keessa nu nyanyaachu
- Harki, lukti, fi fuulli keenya ii’ita’uu (keessatu ganama ganama)
- Qaama nama hooksisuu
- Gara boodaa irratti ammoo dhukkubbi qomaa fi hafurri nama hanqachuu/hargansiisuu, fedhaafi dandeetti walqunnamtii saalaa dhabuu.
Mallatooleen kunniin kan dadhabuu Kalee qofa muldhisan miti; sababa dhukkuboota biraatiinis ni mul’atu. Kaleen dadhabduullee daftee mallatoolee kanniin mul’isuu dhabuu dandeeasi.
Xaxawwan Dhawaataan Dadhabuu ykn Dhukkuba Kalee Yeroo Dheeraa Fidan kan Asii gadiiti.
- Dhangala’aan qaamota keenya garagaraa keessatti kuufamuu
- Hammi pootashiyeemi qaama keessa jiru ol ka’uun dalagaa onnee irratti dhiibbaa gochuu ykn fiduu.
- Hirdhinna dhiigaa
- Jabinni Lafee keenya gadi bu’uun woma/haala salphaan cabuun
- Fedha, kaka’umsi fi dandeettii wol-qunnamtii saalaa kenya gadi bu’uu
- Dandeettiin dhukkuba ittisuu qaama keenyaa gadi bu’uu/xiqqachuu.
- Dandeetti waa xiinxaluu, hubachuu, qayyabachuu fi fedhi naanno keenya beekuuf hubachuu gadi bu’uu.
- Dhuma irratti Kaleen keenya dalagaa ishee guutuun gutuutti gara dhaabutti deemuun, maashinaan dalagaa ishee bakka buusuun (dialysis) ykn Kalee nama fayyaa bakka buusuun barbaachisuun rakkina guddaaf nama saaxilti.
Maal haa goonu?
Dhukkuba Sukkaraafii Dhiibbaa Dhiigaa yoo qabaanne hordoffiifi to’annoo gahaa gochuu, Qorichoota/dawaa akkuma argine fudhachuu dhabuu, Ulfaatinna hojjaa keenya madaalu horachu, Ulfaatinna gar-malee guddaa ta’e of irraa hirdhisuu, Tamboo/Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu, Mallatoolee armaan olii yoo agarre Doktora keenya wajjiin mari’achuun qorannoo barbaachisoo ta’an gochuu.
Leave a Reply