Dhukkuba Gogaa irraa Baarrilee/Baccarroo/Borree

Dhukkuba Gogaa irraa

Baarrilee Ykn Baccarroon dhukkuboota gogaa namaa irratti mul’atan/bahan kan maqaan Afaan Oromootiin beekaman keessaa isa tokko. Inniis faangasii gogaa keenya irra jiraatuun kan dhufu yoo ta’u, tuttuqqiidhaan ykn uffata nama isa qabuu uffachuun nama san irraa gara nama birootti hin darbu. Yaalamuu dhabuunis lubbuu namaa balaaf kan saaxiluu miti. Sanyiin firaan/dhiigaanis hin daddarbu.

Faangasiin rakkina gogaa kana fidu gogaa nama hundaa irra kan jiraatu/argamu yoo ta’u, sababni inni namoota tokko tokko irratti rakkoo akkasii fiduuf guutumaan guututti kan beekamuu miti. Maqaan faangasiichaa “Malassezia” jedhamuun beekama. Rakkinni gogaa kuni ammoo maqaa ‘Pityriasis Versicolor‘ / ‘Tinea Versicolor‘ jedhamuun beekama.

Faangasiin kun fayyaa namaa kan hiin miine (miidhne) ta’uyyuu yeroo tokko tokko haala malee baldhachuun morma, quceefi dugda gara gubbaa jiru dhunfachuun argaa bareeda nama miidhuu danda’a. Darbee darbee hoqxoo xinnoo qabaachuu mala. Baccarroon yeroo tokko ofuma isaati qaama irraa badaa yeroo kaan deebi’uu danda’a. Yeroo baay’ee Namoota qilleensa hoo’aa jiidhaa keessa jiraatan akkasumas baay’inaan dargaggoota Umrii digdamanii keessa jiran irratti mul’ata.

Baarrilee/Baccarroo yoo of-irratti argine mala ittiin balleessu dandeenyu keessaa:

  1. Qullubbii adii tuttumnee bulleesuun jiidha ishee san iddoo gogaa rakkina kana qabuutti dibachuu. Daqiiqaa soddoma booda bishaan qulqulluun dhiqachuu. Yoo xiqqaate guyyatti al lama akkas gochuu.
  2. Cuunfaa Loomii bishaan dachaa isaatiin Walitti maknee dibachuu. Ergasii guyyaa tokko bulchinee dhiqachuu.
  3. Nadhii dammaa (damma uumamaa) haphisnee gogaa hubame san irratti dibuu. Yoo xiqqaate dhiqachuu keenyaan dura sa’a lamaaf turu qaba. Kanas guyyaa guyyaadhaan torbaan lamaaf gochuu.
  4. Shalalaa/Ayibii/ haphifnee daqiiqaa soddomaaf dibachuu san booda qulqullessinee dhiqachuu.

Karaaleen armaan olitti eeramaniin yoo baduu dhabe: 

Doktoraaf rakkina gogaa kana kan biroo irraa addaan baasuuf salphaa waan ta’uuf deemanii laallaamuun barbaachisaa ta’a. Haala rakkina gogaa keessanii erga ilaalee booda Doktorri keessan Shampoo ittiin miicatan kan qoricha of keessaa qabuu, ykn qoricha gogaa irratti dibatamu, ykn qoricha liqimfamu isiinf ajajuu danda’a.