Dhukkuba Ameebaa

Dhukkuba Ameebaa

Dhukkubni ameebaa orgaanizimii pirotozowaa ‘Entamoeba histolytica’ jedhamuun kan nama qabuudhaa. Dhukkubni kun dhukkuboota orgaanizimii pirotozowaa jedhamanin dhufan keessaa dhukkuba busaatti aanee dhukkuba lubbuu nama hedduu galaafachun sadarkaa 2ffaa irratti argamuudha.

Eenyu Fa’atu Caalatti Saaxilama?

Daa’imman, Namoota umriin raagan, Namoota qoricha dandeettii ittisa dhibee hir’isan (corticosteroids) fayyadama, Namoota dhukkuba dandeettii dhibee ittisuu qaama keenyaa miidhaan Fknf HIV, kaanserii fa’a qaban irra caalatti dhibee Ameebaaf saaxilamuu danda’u.

Dhibeen Kun Akkamitti Daddarba?

Dhukkubni kun kan daddarbuu sababa qulqullina dhuunfaas ta’ee kan naannoo keenyaa yoo sirriitti eeguu baannedha. Kuniis namni naannoo keenyaa dhukkuba kanaan qabame tokko bobbaa mana fincaaniin alatti yoo boobba’e, bobbaa san kallattiinis ta’e al-kallattidhan (Fknf bishaan, nyaata itti fayyadamnutti yoo makamee, bishaan bobbaa kanaan faalameen kuduraaf muduraa garaagaraa miiccinee yoo nyaanne) gara qaama namaa yemmuu seenudha.

Mallattoolee Isaa

Dhukkubni kun harka caalaa (90%) mallattoo homaa agarsiisuu dhiisuu danda’a, akkasumas xaxaalee garagaraa fiduun mallattoolee hamoo ta’aniis fiduun hanga lubbuu dabarsuu gahuu danda’a. Dhibbaantaa 10n hafan keessaa immoo, dhibeen kun yeroo heddu mar’imaan waan miidhuuf mallattoo akka:- baasaa/garaa kaasaa dhiiga makate, Baasaa wanta akka furrii fakkaatu makate, Dhukkubbii garaa handhuuraa gadii, Fedhii nyaataa dhabuu, Ulfaatinni hir’achuu, Darbee darbee hoo’i qaamaa dabaluu fa’adha.

Ittisaa fi Yaala

Mana fincaanii faayyadamuu, Qulqullina dhunfaas ta’ee naannoo keenyaa sirriitti eeggachuu, Bishaan qulqullinna qabu ykn danfifnee dhuguu, Namni dhukkuba kana qabu naannoo ykn maatii keessa yoo jiraate yaalchisuu, Kuduraa fi muduraa yoo nyaannuu dheedhii nyaachuu dhiisuu ykn sirriitti qulqulleesinee nyaachuu fi kkf.. taasisuu qabna.

Yaalli isaa mana yaalaa deemun qorichoota garagaraa nuuf keennamu fudhachuu, yoo dhibeen kun nutti cime hanga yaala baqaqsanii hodhuus gahuu danda’a (yoo xaxaaleen uumaaman) Qorichoota nuuf keenname haalaan fudhachuu qabna.