
Dhibeewwan Wal Qunnamtii Saalaan Daddarban (Sexually transmitted infections STIs) Dhibeewwan walqunnamtii saalan daddarban irra caalatti nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan daddarban karaa wal qunnamtii saalatiinii. Dhibeewwan kunniin akka addunyaatti, akkasumas akka biyyaa keenyatti baay’ee beekkamoodha. Yeroo baay’ee kan dhibee kanaan qabaman warroota umrii dargaggummaa keessa jiraniidha.
Dhibeewwan kunniin kanneen akka HIV/AIDES, Fanxoo, Copxoo, Vaayirasi Humman Pappiloma (HPV) kan yeroo baay’ee kaanserii ulaa gadameessaa fidu, Vaayirasii herpes simplex (kan yeroo baayyee hidhii fi qaama saalaa madeessu), baakteriyaa kilaamayida, Vaayirasii hepatitisii B fi C (kan tiruu keenya miidhaan) fi kkf fa’a.
Akkamitti Daddarba?
Asirratti wanti beekamuu qabu tokko yoo dhibeewwan wal qunnamtii saalaatiin daddarban jennu harka caalaa wal qunnamtii saalan daddarbaniis haalli biraa isaan ittin daddarbaniis ni jira; isaaniis:-
- Wal qunnamttii saalaa of eeggannoo hin qabne.
- Wantoota qara qaban waliin fayyadamuu.
- Haadha irraa gara daa’imaa kunis yeroo gadameessa keessa jirtu, yeroo da’uumsaa fi harma hoosisuun.
- Dhangala’aa fi dhiiga nama dhibee kana qabu xuxxuqudhaan.
- Dhiigaa nama dhibee kana qabu osoo hin qoratamin namaf yoo keename fi kkf.. yeroo baay’ee jalqaba irratti mallattoo homaatuu agarsiisuu dhiisuu danda’u ykn salphaa ta’uu isaanii irraa kan ka’e akka dhukkubaatti ilaaluu dhiisuu dandeenya.
Yoo kan agarsiisuu ta’e:- Madaa, dhiitoo, ykn madaa bishaan kuufate naannoo qaama saalatti mul’achuu, Yeroo fincaan fincaa’an nama dhukkubuu ykn miirri gubaa namatti dhagahamuu, Dhangala’aan malaa fakkaatu fi foolii badaa qabu qaama saala keessan bahuu, Dhukkubbii garaa handhuuraa gaditti namatti dhagahamuu, Dhiigni laguu irraa adda ta’e dhiiguu, Yeroo wal qunnamtii saalaa dhukkubbiin namatti dhagahamuu fi kkf fa’aadha.
Ittisaa fi Yaala
Wal Qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne raawwachuu dhiisuu, Meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuu dhiisuu, Hiriyaa tokko qofa waliin amantaan jiraachuu (tokkoof tokko ta’u), Kondoomii sirnaan faayyadamuu, Hiriyaan qabame yoo jiraate akka yaalamu gochuu.
Dhibeewwan wal qunnamtii saalaan daddarban baay’een isaanii, yoo akka ogeessi yaalaa nuuf ajajeen yaalamne fayyuu dandeenya. Akkasumas xaxaawwan (complication) dhibeelee kanan dhufan hambisuu dandeenya. Kanaafuu; Mana yaalaa yeroon deemun barbaachisaadha.
Xaxaawwan (complication)
Ulfa gadameessaan alaa fiduu danda’a, Haadha irraa garaa daa’imatti darbuun daa’ima irratti miidhaa geesisuu danda’a, Dubartoota irratti kaansaarii balbala gadameessaa fiduu, Dhala godhachuu dhabuu (maseenuumma), Qaamolee biroo irrattii Fakkenyaf Kalee, Onnee, tiruu, sammuu irratti miidhaa geessisuu fi kkf.. nama saaxila.
Hubachiisa: Namni tokko dhukkuba kanaan qabamee mallattoolee osoo hin agarsiisin namatti daddabarsuu ni danda’a. Kanaafuu; yeroo maraa wal qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu irraa of qusachuu qabdu. Hiriyaan, Abbaan manaa ykn Haadha manaa irratti dhibeewwan kunneen yoo argaman; carraan isaan lamaanuu dhibee kana qabaachuu baay’ee waan ta’eef, lameen isaanuu mana yaalaa deemanii yaalamuu qabu.