Dhibee Istirookii (Penyakit Stroke)

Hammi isaan barbaadaniifi dhabanii turuu danda’an/dandamatan garagara ta’ullee, qaamoleen keenya dalagaa isaanii hojjachuuf ‘Glucose (fi wantoota dalagaa qaamaaf barbaachisan)’ fi ‘Oxygen’ barbaadu. Gulukoosiif oksijiinii ammoo karaa dhiigaatiin argatu. Dhiiga ammoo karaa hidda dhiiigatiin argatu. Dhiigaa argachuu dhabuun Sammuu: hiddi dhiigaa gara sammuu deemu cufamuu, hudhamuu fi sababa dhiigni sammuu keessatti jigeef dhiiga gahaa ykn dhiiga aragachuu dhabuun, akkasumas dhiibbaan kana irraa qaama sammuutti dhufu kun ISTIROOK jedhama.

ISTIROOKIIN dhiiga ititeen ykn cooma hidda dhiigaa irraa fottoquun cufamuu fi haalaan dhiphachuun (hudhamuun) hidda dhiigaa gara sammuu ykn qaamaa sammuu deemu (Ischemic Stroke) fi hiddi dhiigaa sammuu cituun ykn jigsuun dhiigni sammuu kessatti dhangala’uu (Hemorrhagic Stroke) irra ta’uu danda’a. Gosti ISTIROOKII lamaan kun yaalli isaanii garagara (faalla walii) fi akkasumas wantootni isaaniif nama saaxilaniis gargaruma haga tokkoo qabu.

Dhiigni gara sammuu ykn kutaa sammuu deemuu yeroo tiqqoof ykn yeroo gabaabduuf irraa dhaabatee deebi’uun (Transient Ischemic Attack) ammoo mallattoo sa’aa muraasa keeessatti mul’atee badu mul’isuu danda’a.

Mallattoolee ISTIROOKII

  • Dubbachuu dadhabuu. Arrabni nama hihidhamuu.
  • Wanta namni biraa jedhu hubachuu dhabuu.
  • Tasa qaamnii cinaa tokkoo: fuula, harkaa, fi luka sochosuu dadhabuu. Cinaan sun guutuun guututti laamshayuu (Paralyze) ta’uu.
  • Ijji Cinaa tokko ykn lachuu ilaalu dadhabuu, itti dimimmisuu ykn guutuun guututti arguu dhabuu.
  • Bowwoo hamaa ta’e tasa namatti dhagahamu. Keessattuu mallattoolee armaan olitti eeraman wajjin haqqeen, lafti namaan maruun, fi yeroo muraasa booda of wallaaluun.
  • Deemuu dadhabuu, Tasa madaala ofi eeguu dadhabuu.


Maatii, Fira fi hiriyyaan keenya ISTIROOKII qabate/godhate jenne yoo shakkine:

  1. Akka seeqatu gaafachuun, ciinaan fuula tokko kaan wajjiin seequu dhabuu ykn gadi bu’uu ilaaluu.
  2. Harka lachuu akka olfuudhu/ol kaasu gaafachuun, harki ciinaa tokko olfudhuu dadhabuu ykn olfuudhee gubbaa irratti qabuu dadhabuu isaa ilaaluu.
  3. Akka jecha tokko irra deddebi’e jedhu gaafachuun, jijjirama fi sirritti jechicha jechuu dhabuu isaa ilaaluu. Yoo mallatoo sadan kana mul’ise hatattamaan otoo turtii kamuu hin godhin dafanii mana yaalaa (Hospitaala) geessuu.

Wantoota carraa ISTIROOKII qabamuu ol kaasan:

  • Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu
  • Sochii qaamaa gochuu dhabuu
  • Alkoolii haalaa ol baay’isanii dhuguu
  • Dawaa nama si’eessu, hadoochu ykn mirqaansu kan akka Cocaine (Kokeyinii fa’a fayyadamuu
  • Dhiibbaa dhiigaa haalaan ol ka’aa ta’e
  • Sigaaraa aarsuu
  • Haammi Koolestiroolii ol ka’e ta’e qabaachu
  • Dukkuba Sukkaraa haalaan to’achuu dhabuu
  • Dhukkuba Onnee (Dadhabuu Onnee ykn dhahannaa Onne wolhinsimne ykn sirri hin taane) qaabachuu
  • Amma dura ISTIROOKII qabachuu ykn maatiin dhiihoo keenya isaan hubamuun
  • Dubara caalaa dhiira irratti hedduminaan mul’ata.
  • Keessattu Umriin keenya waggaa/ganna 55 ol ta’uun, Wantootaa carraa ISTIROOKII’n qabamuu ol kaasaniidha.

Xaxaawwan ISTIROOKII irraa dhufan:

Mallattooleenifi Xaxaawwan ISTIROOKII’n fidu qaama Sammuu miidhame irratti hundaa’a. Akkasumas sadarkaa miidhama qaama Sammuu san irratti hundaa’a. Xaxaawwan kanniin keessaa: Qaamni cinaa tokkoo: fuulli, harkii fi lukti laamshayee (paralyzed) ta’ee hafuu. Dubbachuu dadhabuu. Nyaata liqimsuu dadhabuu. Barreessuuf dubbisuu dadhabuu. Waan dubbatame hubachuu dhabuu. Waan amma dura ture guutun guutuutti ykn irra jireessaan irranfachuu ykn dagachuu.

Waa hubachuu, qaayyabachuu, madaaluufi dandeetii yaadaa fi murtee sirri qabaachuu/ dabarasuu dhabuu. Siree irratti hafuu. Qaama dhiqaachuuf, uffata jijjirachuuf, nyaata nyaachufii kan kana fakkaataniif deeggarsa nama biraa barbaaduu. Wantoota/xaxaawwan kanaan walqabatee yaada’uu fi cinqamuu irraa Muukuu sammuuf (Depresion) saaxilamuu.

ISTIROOKII akkamiin of irraa ittisna ykn carraa isaan qabamuu hirdhifna?

  • Wantoota carraa ISTIROOKII dabalan keessaa tokko dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa ta’edha. Hordooffii gahaa gochuun dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun carraa ISTIROOKII’n hubamuu haalaan xiqqeessa.
  • Hamma Koolestiroolii fi coomaa qaamaa keenya hirdhisuu. Kana gochuuf nyaata akka coomaa, foon diimaa, dhadhaa, killee, fi nyaata haphefamanii gurguraman kan koolestiroolii qaban yeroo hunda/ baay’isanii nyaachuu dhabuu/dhaabuu.
  • Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.
  • Dhukkuba Sukkaara yoo qabaanne hordoffii gahaa gochuun to’achuu.
  • Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu. Ulfaatinna hojjaa keenyaan wal madaalu qabaachuu.
  • Fuduraaleef kuduraalee garagaraa nyaachuu
  • Sochii qaamaa hargansuu barbaadan/nama hargansiisan haala idile ta’een hojjachuu.
  • Hamma Alkoolii dhugnu xiqqeessu (Biiraa lamati) ykn guutummaan guututti dhiisuu.
  • Dawaa nama si’eessan, hadoochan ykn mirqaansan- Ashiishii, Cocaine- fa’a faayyadamuu dhabuu.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*