Dhala Dhabuu (Infertility)

Dhala Dhabuu (Infertility)

Wal qunnamtii saalaa hin ittifamne kan gahaa ta’e qabaatanii waggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa’in yoo hafan ‘dhala dhabuu’ jedhamuu danda’a. Haa ta’uu malee kanneen keessaa walakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta’an waggaa itti aanu /waggaa lamataa irratti ni ulfaa’u.

Dhala dhabuun iddoo lamatti qoodamuu danda’a:

  1. Gonkumaa dhala argatanii/ulfaa’ani kan hin beekne (Primary Infertility)
  2. Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa’anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo laman kanatti qoodama.

Dandeetiin ulfaa’uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji’a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji’a Jahatti parsantii 75 fi waggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta’an ni qabatu ykn ulfaa’uu ni danda’u. Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta’an waggaa jalqabaatiin ulfaa’uu dhabuu danda’u. Haa ta’u malee isaan kanaan jala sararree dhala dhaban jechuu keenyaan dura yeroo gaha ta’e (waggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa ta’e dalagsiisuun barbaachisaa ta’a.

Dhala dhabuun rakkina shamaraa irraa qofa ta’uu dhabuu danda’a. Akkuma walii galaatti isaan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta’an rakkina dhiiraa/abbaa warraa irraa yoo ta’u, parsantii 15-20 kan ta’u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo sababa rakkina shamaraa/haadha warraa irraa ta’uu danda’a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan warraatiif haati warraallee) argamuu qabu jechuu dha.

Gabaabumatti shamarri takka ulfaayuuf Ovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomishtee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufitti fudhatamee, achitti isparmiidhaan walitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zayigootiin) kun gara gadaameessa deemee kessaa gadaamessaa irratti biqiluu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkina ta’iiwaan kanneen keessaa tokko irraatti mudatuun ta’uu danda’a. FKn: –

  • Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu/dhaabuu.
  • Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa’aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin walitti hin dhufne gochuun.
  • Zaayigootiin (ida’amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala’u ykn ulfa garaa keessa baasuuf godhamuun gadameessi sun godaannisa uumuun, uumamaan gadaameessi sirrii ta’uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irra jiraachuun).
  • Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala’aan dhiiraa sun seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta’ee of keessaa qabaachuu dhabuun, sababalee dhala dhabuu keessaa isaan ijoo ta’aniidha.

Kanaaf jaalalleewwan lama waggaa tokkoo oliif wal qunnamtii saalaa gahaa ta’e qabaatanii otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee garagaraa gochuu qabu.