Irgi tishuuwwan (qaamota) lallaafoo (delicate tissues) ka ilkaan utubu keessaa isa tokko. Wantoonni xooxeffamuu ykn kulkulfannaa (inflammation) irgaa fidan kan asii gadiiti.
- Hoorii (plague)
- Qorichootni sababa adda addaatiif fudhataman tokko tokko darbee darbee fiduu danda’u. Fkn qorichoota; Dhiibbaa dhigaatiif, Qusannaa maatitiif, Dhukkuba Gaggabdoof, akkasuma kan Kaansaroota garagaraatiif kennaman tokkoo tokko kulkulfannaa ykn dallansuu irgaa kana fiduu danda’u.
- Meeshaalee ilkaan dabe qajeelchuf hidhaman
- Yeroo kana caalaa yeroo Ulfaa irra muldhata
- Dhukkuboota dandeettii qaamni keenya dhukkuba of irraa ittisuu isaa gad-buusan fkn HIV, Kaanserii fa’a..
Mallattoolee isaa
- Irgi daran diimachu ykn dirmimmayuu
- Irgi nama dhiiguu
- Irgi keenya ilkaan irraa dhawata dhawataan xiqqaachaa ykn irra ka’aa deemuu (recession)
- Nyaata yoo alanchan nama dhukkubuu ykn dhukkubbiin namatti dhagahamuu
- Irgi nama i’iita’uu
- Qorraaf hoo’aaf mirawuu
- Foolii afaanii badaa qabachuu
Furmaata isaa
Irgi yoo yeroodhaan yaalame ni fayya. Kanaafuu, ogeessa yaala ilkaanii dubbisuun woldhaansa argachuun daran barbaachisaadha.
Dhukkubsattoonni xiyyeeffannoo guddaa barbaadan isaan kami?
– Isaan Dhukkuba Sukkaaraa qaban
– isaan Dhibee Onnee qaban
– Isaan Dhibee Sombaa garagaraa qaban
– Dhukkubsatoota dandeettiin dhukkuba of irraa ittisuu isaanii gadi bu’aa ta’e (fkn, Kaansarii, HIV/AIDS fa’a qaban.
Isaan kunniin xiyyeeffannoo addatiin yaalaa yeroon argachuu qabu.
Xaxaawwan Dallansuu (Kulkulfanaa) Irgaa irraa dhufuu malan:
– Ilkaan guututti buqqa’ee bayuu mala
– Haadholii ulfaa irraatti daa’imni gadaamessa jiru otoo yeroon isaa hin gahin akka dhalatu gochuus mala
– Ulfaatinni daa’ima dhalatus gadi aana akka ta’u gochuu mala
– Ofitti amannummaa nama dhabsiisuun, hariiroo namootatti dhihaanne qabaannu miidhuu mala.
Leave a Reply