Bubuqqa’uu Rifeensaa (Rambut rontok)

Rifeensi agarsiiftu bareedina keessaa isa tokko, keessattuu dubartootaf bareedina addaa qaba. Guyyaa guyyaan rifeensi lakkoofsan 50–100 ta’u nama tokko irraa ni buqqa’a, garuu haarawan bakka waan buufamaniif rakkoo hin fiduu. Rakkoon kan dhufu yoo kan buqqa’uu fi kan margu wal simachuu baatedhaa.

Sababoota Bubuqqa’uu Rifeensaaf nama saaxilan

  • Seenaa maatii ykn dhaalan kan dhufuu/hereditary:- dhibbantaa guddaa kan qabatuu fi yeroo baay’ee yoo rakkoon kun gama abbaatin ykn haadhatiin kan jiraatu ta’e rifeensi suuta suutan, akkuma umriin dabalaa deemun haphachaa ykn mola’aa deemaa. Sababa garagaraattin hormooniin qaamaa jijjiiramuu, Fknf yeroo ulfaa, dhaabbachuu marsaa laguu, rakkoo xannacha taayirooyidii fi kkf..
  • Dhibeewwan garagaraa kan rifeensa keenya miidhan Fknf kan infeekshiinii akka faangasii, baakteriyaa fa’an dhufan
  • Qorichoota tokko tokko, kan dhukkuboota biroof kennaman, Fknf kan dhibee onnee, olka’uu dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa, Kaanserii, dhiphina fi kkf fudhataman
  • Hanqina nyaata madaalawaa ta’ee
  • Yaala calaqqee mataadhaf fayyadamuu/ radiation therapy
  • Yaaddoo fi dhiphinna baay’ee hamaa ta’e
  • Haala tolfannaa ykn sirreeffannaa rifeensaa tokko tokko/hairstyle fknf yeroo heddu tokkosifachuu, waan nama qabuun mataa hidhachuu, gonfoo/ koofiyyaa yeroo baay’ee keewwachuu, haalluu rifeensaa keemikaalota akka ammoniyaa, peroxide fa’a of keessaa qaban dibachuu, Tamboo aarsuu.

Akkaataa Of gargaarun danda’amuun

– Nyaata madaalawaa, keessattuu Pirootiiniin (hanqaaquu, atara, baaqelaa, qurxummii, ocholonii, fi kkf) Vaayitaaminii A, B, C, ( kaarootii, qaaraa, moosee, burtukaana, papayafi kkf) badhaadhan soorachuu.
– Yeroo yeroodhan rifeensa ofii qulqulleeffachuu (torbanitti guyyaa 3-4), yeroo kanaas shampoo fi filaa ilkaan babaldhaa qabu fayyadamuu.
– Rifeensa yommuu sirreeffannu haala ykn style rifeensa keenya harkisuu fi dhiibbaa uumu fayyadamuu dhiisuu ykn xiqqeessuu.
– Wanta nama qabu/dhiphaa ta’e mataatti godhachuu dhiisuu.
– Haalluu rifeensaa isa keemikaalota armaan olitti jenne qabu fayyadamuu dhiisuu, qabaachuu fi dhiisuu isa immoo ogeessa gaafachuu.
– Yaaddoo fi dhiphina hamaa ta’e hir’isuu.
– Qorichoota dhukkuboota biroof kennaman, sababa isaan fudhanneef rakkoon kun akka nu muudatan godhan ogeessa fayyaa mariisiisu
Tamboo aarsuu dhiisuu.

Yaala Dhumaa

Yaalli isaa yeroo baay’ee sababoota rakkoo kanaaf nu saaxilan adda baafachudhan isaan yaaluu ta’a. kanaaf mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisiisun baay’ee barbaachisaadha. yeroo tokko tokko namoonni garagaraa sababa rakkoo kana fide osoo hin beekin caldhisaniituma qorichoota akka minoxidil (kan dibatamu), finasteride (kan liqinfamu) fa’a yommuu fayyadaman ni muldhata. Garuu kuni dogoggora. muddamaan qoricha kanneen fudhachuun sirrii miti. qoricha kamuu osoo Ogeessi fayyaa isiinif hin ajajin fudhachuu hin qabdan. Yaalli isaas ji’a 6 hanga waggaa 1 fudhachuu danda’a waan ta’eef obsuun barbaachisaa.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*