Daa’mmaan reefu dhalatan harma haadhaa qofa ji’a jahaaf, akkasumas nyaata dabalataa waliin waggaa lamaa oliif hoosisuun, fayidaalee hedduu qaba. Harma horsiisuun daa’immaniif qofa osoo hin taane, harmeewwanii fi walumaa galattii maatii daa’immaniitiif faayidaan inni qabu hedduudha.
1. Faayidaawwaan kanniin keessaa inni guddaan daa’immaan reefu dhalatan dhibee adda addaa kan akka garaa kaasaa, dhibeewwan sirna hargansuu, dhukkuba keessa gurraa, dhukkuba ujummoolee fincaanii fi hir’ina nyaataa, irraa ittisuu yoo ta’u, faayidaalee biroos kan akka bilchina xiin-sammuu dagaagsuu, qaroo ijaa fi gurraa guddisuu, dhibeelee sirna dhiiga raabsuurratti uumamuu danda’an xiqqeessuu, dhukkuba sukkaraa fi allerjii adda addaa ittisuu fi kkf eeruun ni danda’ama.
2. Harma hoosisuun harmeewwaniifis bu’aa adda addaa kan qabu yoo ta’u, dhiphina sammuu hir’isuu, rakkoowwaan da’umsaa waliin dhufanirraa dafanii dandamachuu, ulfina qaamaa kan da’umsaan dura dabalee ture hir’suu, dhibeewwan kaansarii adda adda ittisuu fi haphina lafee xiqqeessuun faayidaalee haadhooliin harma hoosisuurraa argatan keessaa isaan muraasa.
3: Harma haadhaa sirritti hoosisuun maatiidhaafis faayidaan inni qabu hedduudha. Baasiin maatiin tokko “foormulaa” bituuf ykn daa’ima dhukubsate tokko yaalsisuuf baasu miidhaa baay’ee maatii fi daa’imman irraan ga’uu danda’a, Harma haadhaa hoosisuun garuu miidhaawwan baasii akkasiitirraa dhufu hambisuun ni danda’ama.
Kanaafuu wanti harma qofa hoosisuun akka salphaatti dhorkuun danda’amu gatii hedduu nu kaffalchiisuu waan danda’uuf harma haadhaa qofa ji’a ja’aaf, nyaata dabalataa waliin immoo waggaa lamaa oliif hoosisuun aadaa keenya ta’uu qaba.
Hubachiisa
Bu’aawwan kanniin argachuuf haalli taa’umsaa/ hammachuu daa’imaa (positioning) fi haalli daa’imti harma itti qabu (atttachment) baay’ee murteessoodha. Harmeen takka yeroodhaaf sababa adda addaatin hoosisuu yoo hin dandeenye, harma ishee elmitee Firiijii (diilalleessituu) keessa guyyaa saddeetiif, kutaa firiijii cabbii uumu keessa yoo taa’e immoo ji’a ja’aa haga Wagga tokkootitti teesisuun ni dandeetti. Bakkee keessa taanan gara sa’aatii saddeetii oliif teessisuun mishaa miti.
Aannan Sa’aa, Re’ee, Hoolaa fi Gaalaa, daa’imman waggaa tokkoo gadiitif kennuun miidhaawwan adda addaa waan qabuuf, yoo rakkinni addaa jiraate malee, daa’immaniif kennuun gaarii miti. Barbaachisaa ta’ee yoo argame garuu aannan armaan oliitti eeramaan caalaa Foormula (formula milk) fayyadamuudhan miidhaawwan daa’ima muudachuu malu ittisuun ni danda’ama.
Haati harma hoosistu tokko; dhugaatii Alkoolii, Tamboo xuuxuu, qorichoota daa’ima miidhuu danda’an fudhachuu, fi irraa of qusachuu qabu. Daa’ima oormaa harma hoosisuun, daa’imicha dhibee adda addaatiif saaxiluu waan danda’uuf, harma haati hin deenye hoosisuu’rra mala biraa barbaaduu wayya.
Leave a Reply