Balaqqamni yeroo imalaa deemsa konkolataan, baaburaan, xiyyaraan, doonii fi kkf goonu hunda irratti mul’achu kan danda’u ta’ee imala san xumurre yeroo xiqqoon booda kan dhaabbatudha. Nama lollojessun ykn haqqisiisuun mallattoo isaa ijoo haa ta’an malee isaanin dura mallattoolen biroo (fkn dafqa qabannaha, akka waan garaan nu guutame nutti dhagahamun, lafti namaan maruun, dadhabbin, bowwoon) namatti dhagahamu danda’a.
Gabaabatti inniis kan uumamu waldhabbii ergaa qaama madaala keenya eegu keessa (gurraa) bira gahu, ergaa ijji keenya argee dabarsuufi hikkaa sammuun keenya itti kennu irraa dhufa. Inniis otoo imala irra jirru tasa nu qunnamuu danda’a.
Wontonni armaan gadii kunnin balaqqama yeroo imalaa namatti jabeessuu danda’u:
• Ija keenyaan wantoota raasaa dhihoo jiran hordofuun
• Yeroo imalaa san dubbisuun
• Haasahaa deemuun
• Mataa keenya sosochoosuun
• Fooliin boba’a
• Fooliin sigaaraa
• Karaan irra deemnu marama ta’uun
• Teessoo gara duubaa irra ta’uun. Akkasumas Yeroo ulfaa fi da’imman waggaa 2-12 jiran irratti heddumminaan mul’ata.
Maal haa goonu?
Wantoota isa nutti jabeessuu danda’an kan armaan olitti eeraman fooyyessuu ykn ballesssuu. Fkn. Dubbisuu, haasahuu fi mataa keenya sosochoosu dhabuu. Gara samii ykn waan fagoo dhaabbata ta’e kallatii deemsa imalaa keenya irra jiran ilaala imalu. Yoo danda’ame rafuu.
Deemsa dura nyaata zayitiin ykn dhadhaan itti baay’ate, akkasumas alkoolii dhuguu dhabuu. Deemsa dura nyaata hedduu/baay’isnee nyaachuu dhabuu, akkasumas Garaa duwwaa /qooqaan imaluu dhabuu. Hancaqee/Maastikaa alanchuu. Zinjibiloo fayyadamuu. Haaluma danda’ameen waan isaa yaada imaluu dhabuu. Dabalataan qorichota balaqqama kana hambisuuf kennaman/fudhataman kan otoo imala hin eegalin sa’aa tokko ykn daqiiqaa 30 dura fudhataman waan jiraniif mana qorichatii fudhachuu.
Leave a Reply