Namoonni Baay’een suusii dhugaatii, sigaaraa, qoricha fi jimaa akka qaban araada miidiyaa hawaasummaa kanneen akka Facebook, Instagram, twitter, telegram fi kkf Niin akka hubaman qorannoowwan garaagaraa ni mirkaneessu. Maallattoowwan araada/suusii miidiyaa hawaasummaa maaliidha?
- Ganama akkuma hirriibarraa kaataniin Facebook, Telegram, Instagram ykn social media biraa kan faayyadamtan yoo taatan.
- Yeroo hunda battala bilbilli keesaan iyyutti notification ilaaluuf kan jarjartan yoo tahe.
- Yeroo hunda amma like, comment fi share argattaniif kan dhipattan yoo tahe.
- Yeroo hojii, yeroo nyaattan, yeroo nama waliin taphattan, fi kkf social media fayyadamtu yoo tahe.
- Maatii fi hiriyoota jaallataniif bilbiluu yoo dhiistan ykn karaa social media qofa isaan waliin haasahaa feetu yoo taatan.
- Yeroo interneetii badu ykn speed isaa hir’isu baay’ee kan dhipattan yoo tahee fi aartan tahe.
- Yeroo boqonnaa qabdan yeroo hunda social media qofaan dabarsitu yoo tahe.
- Hojii keessan guyyaa guyyaarratti miidhaa geessisa yoo tahe.
Kanaafuu araadni miidiyaa hawaasummaa akkuma araada kaanii fayyummaan sammuu keenyaaf jireenya keenya guyyaa guyyaa waan miidhuuf of haa eeggannu. otuu hin rafin duraas yoo xiqqaate daqiiqaa 30 dursaatii fayyadamuu dhiisaa.
Of eeggannoo (dhiirotaaf)
Kompiitara kan akka Laptopi naannoo cidhaan keessanii irra keessanii faayyadamuun rakkoo dhala dhabuuf isin saaxiluu danda’a. Akkuma beekamu sanyiin dhiiraa (ispeermiin) cidhaan keessatti qopheeffama. Hoo’inni qaamaa naannoo cidhaanii jiru qaama keenya biroon wal bira qabnee gaafa ilaallu gadi bu’aadha. Kunimmoo oomisha sanyii dhiiraa (ispeermiif) baay’ee mijataadha.
Kanaaf laptopi kompiitaraa naannoo cidhaan keessanii keessanii gaafa fayyadamtan hoo’inni naannoo sanaa dabaluun oomisha ispeermii irratti miidhaa geessisa. Akkasumas seelota ispeermii oomishan irrattillee miidhaa geessisa. Kanaaf haala kanaan hin fayyadaminaa ykn akkuma suuraa irratti argitan wantoota jajjaboo tahan of jala kaa’aa fayyadamaa.
Leave a Reply