Jabinnni sammuu fi qaamaa eenyummaa kee ijaara. Namni dadhabaan (weak personality) garuu amala armaan gadii kanaan beekama. Of madaali:
1. Filmii Fedhii Saalaa Kakaasu (Porn) Daawwachuu.
Kun mallattoo dadhabbi sammuu isa guddaadha. Namni dhugaa fi uumama keessatti gammachuu dhabe, soba viidiyoo irratti hirkata. Kun dandeettii yaaduu fi of-to’annoo kee si jalaa balleessa.
2. Sababa Baay’isuu.
Waan tokko galmaan gahuu yoo dadhabe, yoomiyyuu “sababa” dhiyeessa malee “dogoggora” isaa hin amanu. Namoota biroo komachuu amala godhata.
3. Tarkaanfii Fudhachuu Sodaachuu.
Waan haaraa yaaluu fi jijjiirama ni sodaata. Bakka “mijaa’aa” (comfort zone) isaa keessaa ba’uu waan sodaatuuf jireenyi isaa waggaa baay’ee bakka tokko tura.
4. Dubbii Baay’isee Hojii Xiqqeessuu.
Waa’ee karoora isaa baay’ee dubbata, garuu hojiin isaa hin mul’atu. Dubbiin isaa hojii isaa irra ni fagaata.
5. Yaada Namootaaf Of-kennuu.
“Namoonni maal na jedhu?” jedhee yaadda’uun jireenya isaa guutuu ni to’ata. Murteewwan jireenya isaa hundi yaada namootaa irratti hunda’u.
6. Salphatti Harka Kennuu.
Rakkoon xiqqoon yoo isatti dhufe battalatti abdii kutata. Obsa fi kutannoo waan hin qabneef jidduutti dhiisee baha.
7. Araada Adda Addaatti Hirkachuu.
Hojiin ykn jireenyi yoo itti ulfaate, gammachuu yeroo gabaabaa (alkoolii, seeggaa, ykn dhiphina) keessatti of dhoksa.
8. Nama Hunda Gammachiisuu Yaaluu.
Namoota hunda gammachiisuuf jecha eenyummaa isaa gurgura. “Lakki” jechuu waan sodaatuuf namni hundi isatti tajaajilama.
9. Qaana’uu fi Of-tuffachuu.
Amala isaa fi gocha isaa keessatti ofitti amanamummaa hin qabu. Ija namaa keessa ilaaluu sodaata, yoomiyyuu akka waan balleessaa qabutti of-ilaala.
10. Kaayyoo Ifa Ta’e Dhabuu.
Jireenyi isaa qajeelfama hin qabu; qilleensi gara itti nuffetti isa oofa. Guyyaa haraa waan haaraa itti hojjetu hin qabu.
Goolaba: Dadhabbii keessaa ba’uuf jalqaba amala kee amantee fudhachuu fi murteessuudha. Jabinnni sammuu kee keessa jira!