Yoo Aarii (anger) cimaa qabaanne maal gochuu qabna?

Aarii

Yoo Aariin cimaan kan isin mudatu tahe qabxiilee asii gadii kanneen hojirra oolchuun ni gorfama.

1. Jalaqaba waan hundaa, utuu hin tasgabbaa’iin waa DUBBACHUU dhiisuudha.

2. Erga xiqqoo tasgabboofnee aarii keenya IBSACHUU qabna. Akka aarre dhokfachuun gaarii miti. Kanaaf ofii keenyaa fi hiriyyaa baay’ee amannuutti haasa’uudha.

3. Yeroo aarii keenya ibsannu yeroo mara jecha “ANI” (I) jedhu fayyadamuu qabna. Fakkeenyaaf, “Inni kan na aarse” ykn “Isheen kan na aarsite” jechuu irra, “An kanin aaree,” jedhanii haasa’uun gaariidha.

4. SOCHII QAAMAA (physical exercise) xiqqoo hojachuun aariin keenya akka tasgabboofnu taasisa.

5. Waan hojjannu ykn yaadnu irraa yeroo xiqqoof BOQONNAA fudhachuu qabna.

6. Waan nu aarsurratti xiyyeeffachuu dhiifnee maaltu aarii kanaaaf FURMAATA ta’uu danda’a jennee dafnee yaaduu jalqabuu qabna.

7. DHIIFAMA gochuun aarii irraa fayyuuf aangoo guddaa qaba. Kanaaf dafanii dhiifama gochuun baay’ee gaariidha.

8. Haga danda’an BAACUU fi TAPHACHUUN hedduu nama gargaara. Akka aarte utuma beektuu baacuu fi taphachuun gaariidha.

9. MAALOOTA TASGABBII fayyadamuudha. Waantoota akka meditation , fi jechoota dubbii salphisan kan akka “kun waal salphaadha” (take it easy) jedhan irra deddeebanii fayyadamuudha.

10. Dhumarratti yoo waan hundaan tasgabbiin dhibe, maatii, nama nutti dhiyaatu, ogeessa sammuu, abbootii amantii fi kkf GARGAARSA gaafachuudha.