
Dhibee toonsilii manatti yaaluuf:
1. Bishaan ho’aa baayinaan dhuguu.
2. Bishaan bircuqqoo tokkotti soogidda fal’aana walakkaa naqnee xiqqoo ho’isuun ittiin hanga qoonqoo keenyatti lulluuqachuu. Sekondii 30-45f3. Damma fal’aana tokkoo fi soogidda fal’aana walakkaa bishaan xiqqoo ho’aatti naquun yeroo yerootti lulluuqachuu.
4. Yeroo dhibee kanaan qabamnu nyaatawwan jajjaboo tahan kanneen akka chiipsii, appilii ykn kaarotii dheedhii yeroo nyaannu qoonqoo keenya waan nu dhukkubsaniif amma fayyinutti soorachuu dhiisuu.
5. Yeroo dhukkubbii toonsilii sagaleen waan nama duuduu danda’uuf sagalee guddaan haasa’uurraa of qusachuu; Sababni isaas dhukkubbii sana daraan hammeessuu danda’a.
6. Boqonnaa gahaa fudhachuu.
7. Loozenjis Kan jedhaman ; Kan faarmaasirraa gurguraman; Kan akka karameellaatti xuuxamu waan jiruuf isa fayyadamuunis gaariidha!
Yeroo akkamii Mana yaalaa deemuu qabna?
Dhukkubbiin guyyaa lamaa oliif yoo nurra ture, Dhukkubbii qoonqoo hamaa Kan nyaata nyaachuu fi liqimsuu nu dadhabsiisu, Hafuurri namatti ciccituun yoo nu mudate, Ho’inni qaamaa olaanaa guyyaa sadii oliif yoo nurra ture, Dadhabbiin baayyee yoo nu mudate. Toonsiliin baayyee yoo namarra ture hammaachaa deemuun Malaa kuufachuu; akkasumas Dhibee onneef qaamota biroof nu saaxiluu danda’a.
Akkamitti ofirraa dhorkina? Jarmiileen Dhibee toonsilii fidan baayinaan namaa namatti waan daddarbaniif harkaa keenya nyaata duraa fi booda sirriitti dhiqachuu qabna, Bircuqqoo bishaanii fi biruushii ilkaanii waliin fayyadamuu dhiisuu, Akkasumas yeroo qufaataniif haxxiffattan ciqilee keessan ykn erbeen haguuggachuun gara nama biraatti akka hin dabarre gochuu.